Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni ‘UNICEF’ magaalaa Daseetti hoggantoota godina walloo kaabaa fi kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Hoggantoonni ‘UNICEF’ magaalaa Dasseetti hoggantoota godina walloo kaabaa fi kibbaa waliin haala namoota sababa haleellaa garee shororkeessaa garee ABUTtiin qa’ee fi qabeenya isaanii buqqa’an deegaruun danda’amurratti mari’ataniiru.
Maricharratti qorannoon walii galaa rakkoo buqqaatoonni keessa jiran agarsiisu dhiyaateera.
Akka qorannichaatti waliigalaan namoonni miiliyoona 1.6 ta’an qe’eesaaniirra buqqa’uun rakkoo keessa jiraachuun himameera.
Ityoophiyaatti bakka buutuun dhaabbaa Dhaabbata ‘UNICEF’ Edil Koder, ergamaa Addaa Biritaaniyaa Niik Daayer, Dhaabbata ‘UNICEF’tti Itti Gaafatamaan Diviizyinii Dhiyeessa Gargaarsaa Atileevaa Kaadiliil maricharratti argamaniiru.
Hoggantoonni kunneen Magaalaa Daseetti sababa haleellaa garee shororkeessaa ABUTtiin lammiilee qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’an dawatamaniiru.
Hirphoo Shibootu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.