Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni waraanaa olaanoon haleellaa raawwachuun shakkaman yeroo 2ffaaf mana murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Hoggantoonni waraanaa olaanoon Onkololeessa 24, 2013 haleellaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizzi Kaabarratti raawwachuun shakkaman 7 yeroo 2ffaaf har’a Mana murtiitti dhiyaataniiru.
Hogganaa Kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraal Gabramadiin Fiqaaduu dabalatee yakka biyya ganuu fi heera mootummaa diiguu yaaluun kan shakkaman hoggantoonni waraanaa olaanoo 7 fi namoonni siiviilii biroo 5 har’a yeroo 2ffaaf mana murtiitti dhiyaataniiru.
Har’a yeroo 2ffaaf Mana murtiitti kan dhiyaatan Hogganaa Kominikeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jenaraal Gabramadiin Fiqaaduu, Ajajaa Raayyaa Ittisa Biyyaa ajaja Kaabaa Meejar Jenaraal Yirdaw Gabramadiin, Hogganaa Misooma Humna Namaa Ajaja Kibbaa Birgaadeer jenaraal Gabrayohaannis Saarsiniyoos, Hogganaan Damee Odeeffannoo ajaja Kibbaa Birgaadeer jenaraal Insuu Iphaajoo Rashoon dabalatee yakka biyya ganuu fi heera mootummaa diiguu yaaluun kan shakkaman hoggantoonni waraanaa olaanoon 7 fi namoonnii siiviilii 5 ta’uu ibsameera.
Dhimmi Shakkamtoota kanneenii har’a yeroo 2ffaaf Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Liddataatti dhiyaachuun ilaallameera.
Poolisii federaalaa damee qorannoo yakkatti ogeeyyiin qorannoo lama yeroo qorannoo kana dura guyyoota 14f laatameef keessatti hojii hojjetan dhaddichaaf dhiyeessaniiru.
Manni murtii dhaddacha har’a ooleen yakki ittiin shakkaman walxaxaa fi ulfaataa ta’uu isaa tilmaama keessa galchuun qorataa poolisiif yeroo qorannoo guyyoota dabalataa 13 eeyyameera.
Gama biroon dhimmi namoota siiviilii 5 dhaddachaaf dhiyaateera.
Abbaan seeraa galmee sana qorate yakki namoonni kunneen raawwatan jechuun shakkaman qorannoo dabalataa waan barbaaduuf Poolisiin dhimmicha guyyoota 7 keessatti qoratee akka dhiyeessu eeyyameera.
Taariik Addunyaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.