Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi hojjeettoonni mootummaa kumni 600 ol qabeenya isaanii galmeessisaniiru-Komishinicha

Finfinnee, Eebila 9, 2013 (FBC) – Komishiniin Namuusaa fi Farraa Malaamaltummaa Federaalaa hoggantoonnii fi hojjeettoonni kumni 600 ol qabeenya isaanii galmeessisuu beeksise.

Itti aanaan komishinicha komishinar Waadoo Aaxoo akka ibsanitti, baatiwwan saglan darbanitti hojiin qabeenyaa  hoggantootaa fi hojjeettoota mootummaa galmeessuu raawwateera jedhan.

Hoggantoonnii fi hojjeettoonni waajjiraalee mootummaa federaalaa, dhaabbilee misoomaa, yuunvaarsiitiiwwan akkasumaas bulchiinsoota magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa haala fooyya’aan qabeenyaa isaanii galmeessisaaniiru jedhan.

Karoorri komishinichii qabatee %95 galmaan ga’uu danda’ameera jedhan.

Maddi:-TOI

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.