Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi hojjettoonni FBC raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 9.6 ol  taasisan

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Hoggantoonnii fi hojjettoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeet raayyaa ittisa biyyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 9.6 ol taasisaaniru.

Hoji raawwachiisaan FBC obbo Adimaasuu Daamxoo, dhaabbatichi miidiyaa uummataa ta’uusaa mirkaneessuuf misoomaa deeggaruu fi fedhi uummataa eeguuf hojiiwwan garagaraa hojjetaa tureeraa jedhan.

Faanaan odeeffannoo qofaan osoo hin taanee hojiiwwan hedduu nageenyaa uummataatin, gaddaa, gammachuutin hojjechaa turuu yaadachisaniiru.

Hoggantoonnii fi hojjettoonni FBC raayyaa ittisa cinaa dhaabbachuuf miindaasaanii baatii tokkoo arjoomuu obbo Adimaasuun himaniiru.

Itti gaafataamaan faayinaansii raayyaa ittisa biyyaa Birgaadeer Jeneraal Alamsaggiid Wandawaasaan, Faanaa deeggarsa raayyaa ittisa biyyaaf taasiseen miidiyaa gooticha jedhaniiru.

Odeeffannoo sobaa diinni tamsaasuu ittisuun waraanaa deeggara jira jedhaniiru.

Afawoork Iyyaayyuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.