Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonnii fi miseensonni poolisii magaalaa Finfinnee sochii “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhuurratti hirmaatan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014 ( FBC)- Hoggantoonnii fi miseensonni poolisii magaalaa Finfinnee sochii “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhuurratti hirmaataniru.

Sochii kanaanis dhugaa Ityoophiyaan qabdu hawaasa idil addunyaaf beeksisuuf sochicharratti hirmaachuu ibsameera.

Gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa diiguuf  daa’immaan waraanaaf hiriirsuun miidhaa hedduu namoomaa fi meeshaalee qaqqabsiisuun lammiilee lakkoofsaan heddumaataan qe’ee fi qabeenyaasiirra buqqisaa jira.

Yaa ta’uu malee hawaasni idil addunyaa fi dhaabbilee midiiya idil addunyaa tokko tokkoo gocha badii garichaa mormuudhiisanii bifa dogoogoraa ta’een dhugaasaa hubachuu dhabuun Ityoophiyaarratti miidhaa qaqqabsiisuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Kana bu’uureeffachuun hoggantoonnii fi miseensonni poolisii magaalaa Finfinnee sochii “Poostaa Adii gara Masaraa Adiitti’’ jedhuurratti hirmaachuu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.