Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoota Ejansii fi Ambaasaaddarootaaf raawwii diinagdee biyyoolessaarratti ibsi laatamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Mootummaan Hoggantoota Ejansii fi Ambaasaaddarootaaf raawwii baatiwwan sagalii diinagdee biyyoolessaarratti ibsa laataa jiraachuu ibsameera.

Waltajjicharratti kan hirmaatan Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, waggoottan lamaan darbaniif qormaatilee diinagdee biyyoolessaa muudatanii fi akkasumas gufuuwwan hin furamne kaasaniiru.

Weerara vaayrasii koroonaa fi waraana kaaba Ityoophiyaatti ture akkasumas hongeen mudachuu hordofee rakkoolee turan kaasuun, haalota rakkisoo kanneen keessatti diinagdeen biyyattii bu’aa gaarii agarsiisuu hubachiisaniiru.

Keessaayyuu damee daldala alaa fi sirna baankiirratti guddinni galmaa’uu himaniiru.

Biyyoonni tumsitoota imala guddina diinagdee Ityoophiyaa akka deeggaran kaasaniiru.

Ministirri Ministeera Misoomaa fi Pilaanii Dooktar Fitsuum Asaffaa gama isaaniin, barreeffama waliigalaa bu’aawwanii fi rakkoolee diinagdee maaykiroo ambaasaaddarootaaf dhiyeessaniiru.

Soddoo Lammaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.