Fana: At a Speed of Life!

Hojii mootummaan waliingahiinsa deeggarsa namoomaarratti hojjechaa jiru kan dinqisiifatamu- OCHA

Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Hojii mootummaan waliingahiinsa deeggarsa namoomaarratti hojjechaa jiru kan dinqisiifatamu ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessa Dhimmoota Deeggarsa Namoomaa ( OCHA) ibse.

Daayrektarri kutaa deeggarsa namoomaafi galii walitti qabuu biirichaa Liizaa Daawutan gabaasa deeggarsa namoomaa idil addunyaa ifoomsaniiru.

Gabaasa isaaniin baayyinni uummata deeggarsa namoomaa barbaaduu dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Biirichi lammiilee Ityoophiyaa sababoota namtolcheefi uumamaan deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Mootummaan Ityoophiyaas buqqaatota biyya keessaafi godaantotaaf deeggarsa namoomaa barbaachisaa taasisaa akka jiru ni hubanna jedhan.

Haaluma kanaan tarkaanfiiwwan mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa namoomaa waliingahuuf fudhachaa jiru kan dinqisiifatan ta’uu TOI gabaaseera.

Hawaasni idil addunyaas deeggarsa barbaachisaa aklka taasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.