Fana: At a Speed of Life!

Hojii Raawwachiisaa olaanaan Geejjiba Galaanaa fi Loojastiksii obbo Roobaa Magarsaan jila Somaaliilaand waliin marai’atan

Finfinnee, Amajjii 13, 2014 (FBC) – Hojii Raawwachiisaa olaanaan Geejjiba Galaanaa fi Loojastiksii Ityoophiyaa obbo Roobaa Magarsaan haala tajaajila daldala al ergii fi alaa galu ilaachisee jila Somaaliilaand waliin marai’ataniiru.
Haala kenniinsa tajaajilaa Buufata Kooriidarii Barbaraa dorgomaa taasiisuun danda’amurratti mari’achuu isaanii himameera.
Hariiroo Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Tajaajila Loojastiksii Ityoophiyaa Buufata Barbaraa waliin qabu cimsuun danda’amuu fi yeroo itti aanu tumsaan dhimmoota hojjechuuf dandeessisanirrati xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii ibsameera.
Obbo Roobaan kenniinsa tajaajilaa, ijaarsa Buufata gogaa fi babal’ina proojektii hojjetamaa jiru ilaachisee jilichaaf ibsa taasiisuu ragaan dhaabbaticharraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.