Fana: At a Speed of Life!

Hojiin carraalee invastimantii Ityoophiyaa beeksisuu Faransaayitti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 29, 2015(FBC)- Abbootiin qabeenyaa idil addunyaa hojii invastimantiin paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti akka bobba’aniif hojiin carraalee invastimantii Ityoophiyaa beeksisuu Faransaayitti gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Jilli Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Ityoophiyaa obbo Akililuu Taaddasaan durfamu Agarsiisa Waggaa Uffannaalee Idil Addunyaa Faransaayitti gaggeeffamurratti hirmaachuuf Paaris galeera.

Jilichi haalota mijatoo paarkiiwwan indaastirii Ityoophiyaa keessatti argaman irratti oomishtoota damichaa waliin mari’achuufi hojii beeksisaa hojjechaa jiraachuu eerameera.

Agarsiisicharratti dhaabbileen oomishtootaa, namoonni beekamoon, invastaroonnifi daldaltoonni damichaa biyyoota addunyaa garaagaraarraa walitti babba’an 900 ol kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Agarsiisichi Amajjii 29,2015- Guraandhala 1, 2015 kan turu yoo ta’u jilli Obbo Akililuu Taaddasaan durfamu dandeettii invastimantii paarkiiwwan indaastirii  Ityoophiyaa beeksisuun abbootiin qabeenyaa idil addunyaa irratti akka bobba’aniif kan hojjetu ta’uu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.