Fana: At a Speed of Life!

Hojiin deeggarsa walitti qabuu hidhichaa haala kalaqaan deeggarameen cimuu qaba – Obbo Dammaqaa Makonniin

Finfinnee, Bitootessa 22, 2015 (FBC) –Fedhii hawaasni Hidha Haaromsaa tumsuuf qabu akkaataa madaaluun hojiin deeggarsa walitti qabuu hidhichaa haala kalaqaan deeggarameen cimuu akka qabu Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.

Jala bultii waggaa 12ffaa Hidha Haaromsa Guddichaa Ityoophiyaa sababeeffachuun koreen hojii raawwachiiftuu Hirmaannaa Ummataa har’a walga’ii gaggeessera.

Korichi raawwii hojii Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa baatiwwan jahan darbanii gamaaggamuun kallattii hojii fuulduraa kaa’eera.

‘Akkuma jalqabneetti ni xumura’ mata duree jedhuun hirmaannaan ummataa haala hoo’aa ta’een erga jalqabe har’a waggaa 12 guutuu Obbo Dammaqaan ibsaniiru.

Tattaaffii fi imala milkaa’aa akkasumas qormaatilee hedduu waggoota 12n booda bara injifannoorra geenyarra jedhan.

Imala kana keessatti hundaa’ool ummanni beekkumsa, dandeettii, maallaqa fi humna isaa osoo hin sassatin piroojektii guddicha kanaaf gumacha taasisuu Obbo Dammaqaan eeraniiru.

Fedhii hawaasni Hidha Haaromsaa tumsuuf qabu akkaataa madaaluun hojiin deeggarsa walitti qabuu hidhichaa haala kalaqaan deeggarameen cimuu akka qabu hubachiisaniru.

Hojiin Ashaaraa magariisaa fi misooma sululaa xiyyeeffannoo olaanaa argachuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Hirmaannaa olaanaan injifannoon akka geenyu amantaan qaba jechuu isaanii ragaan Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa ummataarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.