Fana: At a Speed of Life!

Hojiin filmaataa hidhaalee xixiqqaa babal’isuu cimee itti fufuu qaba-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Hojiin filmaataa misoomaa jallisii cimsuu fi maddisiisa annisaa elektirikii hidhaalee xixiqqaa babal’isuu cimee itti fufuu akka qabu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan.

Gamaaggamni raawwii walakkaa waggaa qaama ‘Maaddii Biyyaaf’ ta’e ‘Halaalaa Keellaa’ bakka Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Gamaaggamichaan bu’aaleen akeektota diinagdee gooroo ijoo ta’aniin galmaa’an guddina fuuldureef abdii ta’uu eeraniiru.

Haalumaa kanaan misoomaa jallisii dabalatee damee anniisaa, daldala alaa akkasumas dame albuudaa fi inarjiin hojiileen misoomaa jalqabaman jajjabeessa ta’uun eerameera.

Raawwiin diinagdee gooroo baatiiwwan ja’aan jalqaba guddinni diinagdee Ityoophiyaa %7.5 akka ta’uu eegamuuf akeekkuu himaniiru.

Dameewwan hundaanis bu’aaleen misoomaa jajjabeessaan galmaa’an cimanii itti fufuu akka qaban Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad kallattii kennaniiru.

Raawwiin baatiiwwan ja’aa Ministeeraa Bishaanii fi Inarjiin bu’aalee gaariin kan galmaa’an ta’uu eeruun, fuuldurattis, keessumaa hidhaalee xixiqqaa misooma jallisii cimsuu fi filmaata anniisaa elektirikii babal’isuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Fedhii bishaan dhugaatii lammiilee sadarkaa barbaadamuun furuu fi hojiilee fooyya’aa raawwachuun kallattii fuulduree ta’uu akka qaban akeekaniiru.

Ministeerri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii baatiiwwan 6’n darbanitti paampiiwwan bishaanii kuma 48 galchuun, hojii misoomaa jallisiif gumaachuu yaadachiisanii, kunis itti fufiinsa qabaachuu akka qabu ibsaniiru.

Fuuldurattis pirojektoonni misooma jallisii yeroo qabameef keessatti akka xumuraman deeggarsa taasisuun cinaatti, hidhaalee xixiqqaa hojjechuurratti xiyyeeffatamuu akka qabu himaniiru.

Albuudaalee seeraan ala baafaman to’achuu fi galteewwan ijaarsaa biyya alaarraa galfaman, biyya keessatti akka oomishaman taasisuun, kallattii fuulduree ta’uu akka qabuu dubbataniiru.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa baatiiwwan ja’an darban guddina diinagdeef gumaachuu eeruun, qaala’iinsa gatii to’achuun sirna diinagdee tasgabbaa’aa uumuuf hojjetamuu qaba jechuu isaanii TOI gabaaseera.

Sochii daldala seeraan alaa fi kontirobaandii to’achuu, gufuuwwan fuuncaa daldalaa keessatti mul’atan furamuu akka qaban ibsaniiru.

Baatiiwwan ja’an darbanitti lammiilee miiliyoona 1.5’f carraan hojii uumamuu fi fuuldurattis dabalataan hojiileen bal’aan hojjetamuu akka qaban Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad gamaaggama kanarrattii akeekaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.