Fana: At a Speed of Life!

Hojiin Finfinnee magariisa uwwisuu cimee itti fufa- Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Guyyaan har’aa guyyaa itti duulli ashaaraa magariisaa xumuramu malee hojiin magaalaa Finfinnee magariisa uwwisuu cimee kan itti fufu ta’uu kantiibaan magaalichaa Aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanachu guyyaa har’aa kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftootti sagantaa guyyaa tokkoon biqiltuu miiliyoona 4 dhaabuu eegalchiisaniiru.

Saganticharratti Aadde Adaanach hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa, magaalichaafi kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaataniiru.

karoora sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa sadarkaa biyyaatti qabameen bulchiinsi magaalichaa biqiltuu miliyoona 7 .5 akka dhaabuuf karoorfamuus haala qabatamaafi kaka’umsa ummanni qabuun, karooricha dachaan ol guddisuun biqltuu miliyoona 13 dhaabuuf karoorsuun dhaabaa jiraachuu Aadde Adaanach  himaniiru.

Hanga ammaatti biqltuun miliyoona 11.5 dhaabamuu ibsuun, guyyaa har’aa biqiltuun miliyoonni 4 dhaabamaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiin Magaalaa Finfinnee magariisaa uuwwisuu cimee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru.

Qiddist Birhaanuutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.