Fana: At a Speed of Life!

Hojiin kalaqaa barataan kutaa 8ffaa hojjete jiraattota gandaa fayyadamoo humna ifaa taasiise

Finfinnee, Caamsaa 17, 2014 (FBC) – Godina Booranaa Aanaa Waacillee Ganda Weebiitti barataan Kutaa 8ffaa tokko humna ibsaa maddisiisuu kalaquun ganda keessa jiraatu dukkanaarraa bilisa baaseera.
Barataa Aadan Huseen jedhama, Mana Barumsaa Tulaa Weebii Sadarkaa 1ffaatti kutaa 8ffaa barata.
Fedhii fi Kaka’umsaa hojii kalaqaaf qabuurraa ka’uun kalaqa kanneen akka Xayyaara balaliisuu, meeshaalee qilleensa qabbanessuu kalaqeera.
Dhoqqee horii fi bineensota adda addaa waliitti makuun shiboo fi Pilaastika garaagaraatti fayyadamee humna ibsaa uumuu yaaleen milkaa’eera.
Yeroo amma ibsaa ofiisaa kalaqee ofiifi maatiisaa itti fayyadamuu bira darbee namoota ollaa, walumaatti manneen jireenyaa 16 oliif Sararaa diriirsee fayyadamtoota taasiseera.
Ji’aatti mana tokkorraa Birri 100 argachaa madda galiis taasifateera.
Namoonni tajaajila ibsaa kana argataniis bu’aa qabeessa ta’uu dubbatan.
Kalaqaa barataa kanaan duraatti namoonni baayoo gaasii tokko hojjachifatan akka jedhaniitti baayyoo gaasii tokkoo hojjachiisuuf baasii hanga Birrii Kuma 20 olii akka gaafatuufi guyyaattis galtee baay’ee akka barbaaduu himanii, tajaajilas maatii tokko qofaa kennaa jedhan.
Kalaqni Barataa Aadan ammoo bolla tokkootti baasii birrii 1500 qofaan, yeroo tokkoof hojjatamee, mannnen maatii abbaa warraa kudhanii oliif akka tajaajiluu himuun, galteen yeroo tokko baatii 5f akka tajaajiluus himaniiru.
Deeggarsa dabalataa argannaan hojii caalmaaf qophaa’aa ta’uu Barataa Aadan nutti himeera.
Haatii barataa Aadan Huseen, Addee Masuu Huseen, ilmi isaani kun mucaa 6ffaa tahuu himuun, dhalootumassarraa amala addaafi fedhii kalaqaa qabaachuu isaa dubbataniiru.
Waajjirri Bishaanii fi Inarjii Godina Booranaas hojii kalaqaa addaa kana meeshaalee barbaachisoo fi deeggarsa barbaachisu dabaluun tajaajila hawaasaaf akka oolu akka kan tums ta’u beeksisuu OBN gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.