Fana: At a Speed of Life!

Hojiin misooma boqqoolloo kilaastaraa godinaalee addaddaa daawwatamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 26, 2013 (FBC) – Hojiin misooma boqqoolloo kilaastaraa godinaalee addaddaa daawwatamaa jira.
 
Jilli Biiroo Qonnaa Oromiyaatin duurfamu oomisha boqqoolloo godina Jimmaa aanaa Botor Xoollaay daawwateera.
 
Daawwannaan kunis, hojiiwwan misooma boqqolloo kilaastaraan godinaalee Shawaa Lixaa, Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaarratti kan itti fufu ta’a.
Jilicha kan duursan itti aanaa hogganaa biirichaa obbo Geetuu Gammachuuti.
 
Daawwwannicharrattis, qooda fudhattoonni hojii misooma qonnaa sadarkaa federaalaa, naannoo fi godinaalee boqqoolloo kilaastaraan oomishan hirmaataniiru.
 
Giddu galli galtee fi tajaajila qonnaa Waayyuu Birrii miliyoona 3.2 qonnaan bulaa adda dureetiin Aanaa Botor Xoollayitti ijaarame eebbifameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.