Fana: At a Speed of Life!

Hojiin olaantummaa seeraa kabachiisuu cimee biyya tasgabboofte ijaaruuf hojiileen eegalaman itti fufu jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2014 (FBC) – Hojiilee olaantummaa seeraa kabachiisuu cimsuun biyya tasgabboofte ijaaruuf hojiileen eegalaman kan itti fufan ta’uu Miseensonni Koree Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa dubbatan.

Miseensonni kunneen jijjiirama hordofee ergamtoota keessaa faayidaan isaanii itti hir’atee fi diinonni alaa, nageenya lammiilee jeequuf walta’iinsaan hojjechaa jiru jedhan.

Fuulduratti hojiin lammiilee miidhaaman dandamachiisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu kan itti fufu ta’uu hubachisaniiru.

Miseensi Koree Giddugaleessaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Umod Ujuluu, qaamoleen faayidaan isaanii itti hir’ate lammiilee nagaarratti haleellaa gaggeessuun jijjiiramichaa hudhaatti hambisuuf hojjechaa jiru jedhan.

Kunis dhiiga lammiilee nagaan gara aangootti dhufuuf tattaffii taasisan kan argisiisuudha ibsan.

Haaluma walfakkaatuun, Miseensi Koree Giddugaleessa Paartichaa Buzeenaa Alqaadiir gama isaaniin, diinonni alaa fi ergamtoonni keessaa Ityoophiyaa bittinnoofte argu fedhan, lammiilee haleeluun jijjiirama dhufaa jiru gufachiisuuf hojjechaa jiru jedhan.

Miseensonni Korichaa biroon Obbo Ordiin Badirii fi Obbo Abdurraamaan Idiriis, yaadonni fiinxaalessummaa nageenya lammiileerratti gufuu uumuu eeraniiru.

Mootummaanis bifa qindaa’aan hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeessuun gaaffii nageenyaa fi tasgabbii lammiileef deebii kennaa jira jedhan.

Koreen Giddugaleessa Paartii Badhaadhinaa, hojiileen nageenya lammiilee mirkaneessuu bifa qindaa’een akka gaggeeffamuu kallattii kaa’uu fi haaluma kanaan hoggantoonni ittigaafatama isaanii hinbahanne ittigaafatamoo akka ta’an himaniiru.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.