Fana: At a Speed of Life!

Hojiin suphaa “Istiiliing Beezii” buufata maddisiisa anniisaa Qooqaa xumurame

Finfinnee, Hagayya 12, 2014 (FBC)- Hojiin suphaa “Istiiliing Beezii” buufata maddisiisa anniisaa Qooqaa Birrii miiliyoona 20 hojjetame  xumuramuu ibsameera.

Bakki bishaan gama dhabamsiisa bishaaniin hidhicha keessaa ba’ee irra qubatu fofolloqaa waan  dhufeef hojiin suphaa “Istiiliing Beezii” taasifamuu ibsameera.

Hojiin suphaa kun sibiilli erga afameen booda armaataan kan guutameefi bu’uurri hidhichaa akka hin nyaatamneef kan gargaaru ta’uu eerameera.

Suphaan taasifame nageenya hidhichaa eeguuf faayidaa olaanaa qabaachuu fi buufatichi waggoottaniif tajaajila akka kennuuf kan dandeessisu ta’uu ragaan Humna Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Buufatichi waggoottan 62’f tajaajila kennaa kan tureefi anniisaa meegaa waattii 43 maddisiisuuf dandeettii kan qabu ta’uunsaa ni beekama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.