Fana: At a Speed of Life!

Hojiin utubaa muka Elektirii konkiriitiitti jijjiiruu eegalame

Finfinnee, Adooleessa 27, 2013 (FBC) –Hojiin utubaa muka Elektirii dhaabbiin konkiriitiitti jijjiiruu eegalamuu Tajaajilli Elektirikii Ityoophiyaa ibse.

Iddoolee adda addaatti sababa haala qilleensaa fi rakkoo namtolcheen utubaalee Elektirikiirra miidhaan ga’aa jiraachuu ibsameera.

Rakkoo kana maksuuf dhaabbatichi utubaalee Elektirikii mukarraa hojjetaman dhaabbiin Konkiriitiin bakka buusuuf hojii eegaluu Daayreektarri Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaa obbo Malaakuu Taayyee ibsaniiru.

Yeroo ammaa magaalota Finfinneerraa fageenya kiiloo meetira 50 irratti argamanirraati hojiin utubaalee mukaarra hojjetaman Konkiriitiin bakka buusuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Finfinnee dabalatee magaalota akka Jimmaa, Adaamaa, Hawaasaa, Dirree Dawaa, Bahaar Daar, Maqalee fi Walaayittaatti hojii neetwarkii fooyyessuu fi deebisanii ijaaruu cimee itti fufuu dubbataniiru.

Sisaay Geetinnatiitu Gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.