Fana: At a Speed of Life!

Hojimanni walitti bu’iinsa ittisuu dandeessisu hojiirra oole – Ministeera Nageenya

Finfinnee, Hagayya 3, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti walitti bu’iinsi akka hin umamneef hojimanni dursaan ittisuuf dandeessisu hojirra ooluu Ministeerrii Nageenyaa beeksise.

Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil, biyyattitti waliitti bu’iinsa dursanii ittisuuf kan dandeessisu hojimanni teeknooloojin deeggaramee hojirraa ooleera jedhan.

Hojimatichi dursee of eeggannoo kan laatuu fi deebii ariifaata laachuuf ka dandeessudha jedhaniiru.

Teeknooloochi nannoowwan hundaatti kan muul’ataan maddaa walitti bu’iinsa irratti odeeffannoo sassabuun dursanii beekuuf haala mijataa akka uumuus dubbataniiru.

Iddoowwan hundatti teeknooloojiin intarneetii hanga diriirfamutti odeeffannoon kan funanamuu namoota ta’u ministirittin dubbataniiru.

Waggaa darbe namoonni waliitti bu’iinsa uumuun shakkamaan %87 seeraaf akka dhiyaatan taasufamaniiru.

Kanarra darbees uummata gidduutti nageenya waraawa buusuuf kan dandeessisaan ilaalchaa, waliigaltee sanyuumma fi kanneen biroo hoji nageenya ijaaruu hojjeetama jiraachuu dubbataniiru.

Itti aanaan Komishiniin Poolisii Federaalaa komishinar jeneraal Geetuu Takalayoohaanis, poolisiin federaalaa humnasaa guutuun nageenyaa hawaasaa fi biyyaa eeguuf dirqamasaa bahuuf meeshaaleen garagaraa guutamafi jiraachuu dubbataniiru.

Dabalataniis hawaasa waliin ta’uun walitti dhufeenyan hojiin nageenyaa kabachisuu hojjeetama jiru cimee akka itti fufus dhamaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.