Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni FBC biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adooleessa 28, 2012 (FBC) – Hojjettoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeet sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa sababeeffachuun guyyaa har’aa biqiltuu dhaabaniiru.

Hoji raawwachiisaa olaanaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeet obbo Baqqalaa Muul’ataan gaazexeessitonnii fi hojjettoonni dhaabbatichaa qaama dhaloota si’anaa ta’uun Ashaaraa Magariisaa isaanii kaa’uu qaban jechuun guyyaa har’aa biqiltuu dhaabaniiru jedhan.

Haaluma wal fakkaatun bara darbes dhaabbii biqiltuu sadarka biyyoolessaarratti hirmaachu yaadachiisuun, bara kana kanuma itti fufsiisuuf dhaabbiin biqiltuu gaggeeffamuu kaasaniiru.

Inni guddaan wanti dhalootaaf hafu jiraachudha kan jedhan obbo Baqqalaan, yoo kunuunsine, yoo qabatee fi dhaloota dhufaniif darbuu yoo danda’e hojii bu’aa qabudha jedhaniiru.

Biqiltuuwwan har’a dhaabbatan keessaa inni tokko aappiliidha jedhaniiru.

Appiliin hanga waggaa 200tti firii kan kennu yoo ta’u, innis dhaloota dhufaniif kan oolu ni ta’a jedhaniiru.

Kana itti fufsiisuuf ammoo dhaabuu fi kunuunsi barbaachisaa ta’e taasifamuufii qabas jedhaniiru.

Obbo Baqqalaan biqiltuu bara darbe dhaabame keessaa walakkaadhaa ol qabateera jedhan.

Biqiltuuwwan dhaabatan kunuunsuuf ammarraa eegalee dhaabbatichi hojjeetaa jiras jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.