Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni Komishinii Gumuruukaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisan

Finfinnee, Sadaasa 25, 2014 (FBC) – Hojjettoonni Komishinii Gumuruukaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa taasisuu ibsame.

Hojjettoonni koomishinichaa fi hojjettoonni Waajjira Damee Gumuruuka Buufata Xiyyaaraa Boolee Raayyaa Ittisa Biyyaaf deeggarsa akaakuu fi Maallaqaa taasisuu ibsameera.

Hojjettoonni koomishinichaa deeggarsa akaakuu Birrii Kuma 600 olitti tilmaamamuu fi deeggarsa Maallaqaa Birrii miiliyoona 1 taasisuu ibsameera.

Hojjettoonni Waajjira Damee Gumuruuka Buufata Xiyyaaraa Boolee gamasaaniin deeggarsa re’oota 50 taasisuu eerameera.

Deeggarsicha Komishinarri Komishinii Gumuruukaa  obbo Dabalee Qabataa fi hojii gaggeessaan Waajjira Damee Gumuruuka Buufata Xiyyaaraa Boolee obbo Tafarii Makonnin Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Xoor Haayiloochiitti Daayrektara Daayrektoreetii Leenjii fi qorannoo Koloneel Dooktar Assammaa Tafaraaf laataniiru.

Deeggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Haymaanot Iyyaasuutu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.