Fana: At a Speed of Life!

Hojmaanni fayyadamtoonni seera qabeessummaa qorichaa bilbilaan mirkaneessuu danda’an ifoome

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Hojmaanni fayyadamtoonni seera qabeessummaa qorichaa bilbilaan mirkaneessuu danda’an ifoomuu ibsame.
 
Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Too’annoo Qorichaa Ityoophiyaa dhaabbata gargaarsaa Ameerikaa (USAID) waliin ta’uun hojmaata fayyadamtoonni seera qabeessummaa qorichaa bilbilaan mirkaneessuu danda’an ifoomsaniiru.
 
Hojmaatichi I veeriifaay (i. verify) kan jedhamu yoo ta’u, interneetiin kan hojjetu ta’uu ibsameera.
 
Ministir deettaan Ministeera Fayyaa aadde Saahiralaahii Abdullaahii hojmaata kana fayyadamtoonni haala salphaan fayyadamuun seera qabeessummaa qorichaa mirkaneeffachuu danda’u jedhan.
 
Daayreektarri jeneraalaa Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Too’annoo Qorichaa aadde Heeraan Garbaa gama isaaniin, utubaalee sirnoota bu’uraa fayyaa keessaa galteen isa tokko ta’uu eeraniiru.
 
Qulqullinna galtee fi fayyummaa isaa eegsiisuuf hawaasni abbaa sirna too’annoo akka ta’uuf teeknooloojii kallattii kaa’ame deeggaru ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.