Fana: At a Speed of Life!

Qajeelfamoota weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf ba’an 30 guutumaan guutuutti hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira – Dooktar Liyaa

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC) – Weerarri vaayrasii koroonaa daraan dabalaa dhufuu isaan qajeelfamoota weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf ba’an 30 guutumaan guutuutti hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
Ministeerri Fayyaa hojmaata hojiirra oolmaa qaljeelfamoota weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf fi to’achuuf ba’ee fi seeran nama gaafachiisu hunda hojiitti hiikuuf hojjetaa jiraachuu ifoomseera.
Ministeerichi haala waqtaawaa weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisee ibsa laateera.
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuu fi to’achuuf qajeelfamoonni 30 ba’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan himaniiru.
Qajeelfamoota kanneen hojiitti hiikuuf hojiin hubannoo cimsuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Qaamolee qajeelfama weeraricha ittisuu fi to’achuuf ba’e cabsanirratti tarkaanfiin barsiisaa ta’e fudhatamaa jiraachuu kaasaniiru.
Torbee tokko keessatti namoonni kumni 47 fi dhaabbileen 115 qajeelfamicha cabsanii argamaniiru jedhan.
Dooktar Liyaan dhimmi namoota dhuunfaa qajeelfamicha darban 20 fi dhaabbilee 10 mana Murtiin ilaallamaa jiraachuu himaniiru.
Weerarri vaayrasichaa daraan dabalaa jiraachuu ibsuun hanga ammaatti lubbuu namoota kuma 3 fi 58 galaafachuu eeraniiru.
Miidhaa weerarichaan qaqqabu hir’isuuf hojiin hubannoo cimsuu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.
Iddoolee Dhaabbilee tajaajilaa fi hawaasni itti heddummatuutti qajeelfamoota dhibicha ittisuu fi to’achuuf ba’an hojiitti hiikuun dirqama ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.