Fana: At a Speed of Life!

Hojmaataa sirna deeggarsaan ala konkolaattota socho’an irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira

Finfinnee, Amajjii 26, 2015 (FBC)- Hojmaata sirna deeggarsa boba’aan ala konkolaattota socho’an irratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.

Ministeerichi akka ibsetti hojmaataa sirni deeggarsaan eeyyamamuun ala akka fayyadamaniif kan tilmaamaameef taarifa geejjibaa kan hinkabajne, sarara bobbii isaaniirratti sirnaan kanneen hinhojjenne, akkasumas bobbiin alaa hojii kontiraataarratti bobba’uun hawaasaaf tajaajila hinkennine irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fi bulchinsaa fudhatamaa jiraachuu eereera.

Naannolee dhimmichi ilaallatutti konkolaattonni galmee fayyadamummaa deeggarsaa boba’aarraa akka ugguramaaniif gabaasa taasifameen naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Gaambeellaa, Kibba, Beenishaangul Gumuz fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaatti konkolaatonni kumni 3 fi 140 ugguramuun ibsameera.

Konkolaatonni fayyadamtoota sirna deeggarsaa hanga Amajjii 24, 2015’tti kuma 195 fi 73 keessaa konkolaattonni kuma 123 fi 171 deeggarsa boba’aan fayyadamtoota ta’aa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Mootummaan deeggarsa boba’aa, adeemsa keessa hambisuun gara sirna bulchiinsa fandii tasgabbeessa gatii duraaniitti deebisuuf kan dandeessisu, sirreeffama gatii fi deeggarsa boba’aa yaadame akka hojiirra oolu haala murteesseen, Adoolessa bara 2014 eegalee deeggarsa boba’aa biyyaalessaa hojiirra olchuun ni yaadatama.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.