Fana: At a Speed of Life!

Hokkora Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Kuwaazuuluu Naataal keessatti muudateen qofa qabeenyi Doolaara biiliyoona 1 barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Hokkora tibbana Afrikaa Kibbaa bulchiinsa Kuwaazuuluu Naataal keessatti muudateen qofa qabeenyi Doolaara biiliyoona 1 ta’u barbadaa’uu ibsameera.
Hidhamuu preezdantii duraanii biyyattii Jaakoob Zuumaa hordofee hokkora uumameen miidhaa manneen daldalaa adda addaa kuma 40 ol irra ga’e mootummaan qorachuu eegaluu himameera.
Bulchiinsa Kuwaazuuluu Naataal keessatti qofa qabeenyi Doolaara biiliyoona tokko ol ta’u manca’uu ibsameera.
Bulchiinsa kana keessatti qofa manneen daldalaa sadarkaa adda addaa kuma 40 ol ta’an manca’uu himameera
Gidduugaloonni daldalaa 200 ol saamamaniiru jedhame.
Magaalaa Darbaan keessatti qofa meeshaaleen saamaman Doolaara miiliyoona tokko ta’u jedhan Ministirri Waajira Preezdantii Khumbudzo Ntshavheni.
Saamichii fi mancaatiin kun kan magaalaa Johaanisbargi ammallee qoratamaa jiru hin dabalatu jedhan.
Hiyyummaa fi hojiidhabdummaan saamichaa kana duuba sababa jirudha jedhamaa jira.
Ministirittiin sabab hokkora kanaan carraaleen hojii kuma dhibba 1 fi kuma 50 ta’an gaaffii keessa jiraachuun ammoo hojidhabduumma daranuu hammeessa jedhan.
Maddi:-BBC
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.