Fana: At a Speed of Life!

Holqa Oromoo beektuu?

Finfinnee, Eebila 9, 2014 (FBC) – Holqi Oromoo Godina Harargee Bahaa Aanaa Gursum keessatti argama.

Holqi kun Finfinnee irraa kiiloo meetira 614 fagaata;Magaalaa Godinichaa Harar irraa kiiloo meetira 88, Magaalaa Aanaa irraa immoo kiiloo meetira 13 fagaatee argama.

Argamni GPS Holqa kanaas 09°25.242 N, 42°19.540 E fi olka’iinsa Galoo Galaanaatii ol meetira 2170 kan qabudha .

Holqi Oromoo Daandiidhaa ol Sulula Gaaraa jalaatti kan argamu yoo ta’u, Holqi kun Seensa isaa irraa eegalee daandii gogaa harkaafi miilaan hanga meetira 150 erga deemamee booda laga yaa’utti bahama.

Holqichi jajjabinaafi humna kan barbaadu yommuu ta’u, Seensa holqichaa meetira 100 irraatti bishaan yaa’u cehuun immoo dirqama.

Kutaan Holqaa itti’aanu boo’oo lolaa meetira 200 ta’u kan dhoqqeen guutamee fi daakiyyeen keessatti argamudha.

Seensa holqichaa irraa fageenya km 1.5 erga deemamee booda olbahiinsa wadaroo meetira 8 bahuun dirqama; Bahiinsa wadaroo booda holqichi gara fuula duraatti dhiphachaa fi qallachaa gara dhagaa babaxxeetti baha.

Holqichi boca Sululaa kan qabu yommuu ta’u, dhagaa qaraa babaxxeefi lallaafaa salphaatti caccabuufi dagaa baxxeefi diriiraa kan qabudha.

Imalli Holqa keessaa daqiiqaa 30 ol erga fixee booda gareen qorattootaa kun yeroon jalaa dhumnaan tilmaamaan holqicha naannoo meetira 200 osoo hin xummuriin duubatti deebi’uuf kan dirqamee yoo ta’u Bahiinsa isaa irratti Sagantaa suuraa ergaa taasifamee turtii sa’aatii 6 booda holqicha keessaa bahuun danda’ameera.

Naannoo Seensa isaa irratti haalli qilleensaa qabbana jiru irraan kan ka’e boo’iin naannoo seenasaa jiru wayita sanatti cehuun kan hin yaalamne yommuu ta’u, sinbirroonni akka daakkiyyee kallattii isaan seenanii yennaa bahan ilaaluun hedduu nama kan hawwatuufi gammachiisu ta’uu, Hojjetaan Biiroo Aadaa fi Tuuriizimii Oromiya kan ta’e, Obbo Naasir Ahimad himaniiru.

Gama birootiin Holqichi haala Sadarkaa boca amma qabatee kanarraa akka hin jijjiiramneef ykn miidhaan akka irra hin geenyeef iddochaaf eegumsi barbaachisaan godhamuufi akka qabu qorataan Holqichaa kun akka ifoomsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.