Fana: At a Speed of Life!

Hongeen Kaalifoorniyaatti mudate wabii nyaataa Ameerikaa balaarraa buusa jedhame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2015 (FBC)- Ameerikaa Naannawaa Bulchiinsaa Kaalifoorniyaatti balaa hongee waggoottan lamaan darban mudataniin oomisha midhaaniirraa galii argachaa turte Doolaara biiliyoona 3 akka dhabsiise qorannoon ifoomse.

Kaalifoorniyaan oomisha qonnaan Ameerikaa keessaa bulchiinsa adda durummaan eeramtuudha.

Qorannoon damee qonnaa fi nyaataa Kaalifooniyaarratti xiyyeeffatee qopha’e akka argisiisuutti bara faranjootaa 2021 fi 2022 qofaa bishaanni naannawaa qubsuma lafa sulula giddugaleessaatti argamuu %43 hir’ateera.

Kunis lafti qonnaan bultoota bulchiinsicha Kaalifoorniyaa hektaarri miiliyoona 1.3 akka lafa ba’an dirqamsiiseera jedhame.

Naannawaa sulula giddugaleessaa jedhamee waamamutti bishaan gahaan wayita jirutti Kaalifoorniyaatti oomisha qonnaa nyaataaf walitti qabamu %25 kan qooddatu ta’uu RT’n gabaaseera.

Oomishaalee qonnaa keessaa %40 kan qooddatu muduraa fi lawuzii yoo ta’an wayinii fi kuduraaleenis bal’inaan kan oomishaman ta’uun ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.