Fana: At a Speed of Life!

Hoomaan awwaannisaa Gaanfa Afrikaatti muudate waggoottan 25 as isa hammaatadha jedhame

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Hoomaan awwaannisaa Gaanfa Afrikaatti muudate waggoottan 25 as kan bara kanaa hammaataa ta’uun ibsame.

Hoomaan bara kana Baha Afrikaatti muudate namoota miiliyoona 19 ol hanqina nyaataaf saaxiluu isaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Nyaata fi Qonnaa beeksiise.

Keeniyaatti waggoottan 70 as kan bara kanaa isa hammaataa yoo ta’u, mootummaan biyyattii ittisa isaaf Doolaara Ameerikaa miiliyoona 5 ol baasii godheera.

Oomishaaleen akka bunaa fi shayii hoomaa kanaan daran miidhamaniiru.

Hoomaan awwaannisa gammoojjii kun hammaa fi baayy’inaan kan bara kamiiyyuu kan caalu ta’uun ibsameera.

Hoomaan kun ariitiin yoo hin to’atamne baha Afrikaatti balaa cimaa qaqqabsiisuu akka danda’u Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ogeeyyiin ittisaa fi to’annoo hoomaa awwaannisa gammoojjii Dhaabbata Nyaataa fi Qonna Damee Baha Afrikaa himaniiru.

Hoomaan kun guyyaatti yoo xiqqaate kiilo meetira 130 ol imalaa akka jirus himameera.

Soomaaliyaa, keeniyaa, Jiibuutii fi Ityoophiyaan hoomaa kanaan biyyoota miidhamaa jiran ta’uu dhaabbanni kun ibseera.

Maddi:-CNN

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.