Fana: At a Speed of Life!

Hoong Koong jiraattoota ishiif kennaa maallaqaa laachuufi

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2012 (FBC)- Hoong Koong jiraattoota ishiif kennaa maallaqaa doolaara Ameerikaa kuma 1 fi 200 kennuuf.

Kennichis humna mallaqaa jiraattoota ishee cimsuu fi dhiibbaa diinagdee isaanii hir’isuufi jedhameera.

Kanaanis jiraattoonnii biyyaatti umriin isaanii waggaa 18 ol ta’an miiliyoona 7 ol fayyaadamoo ni ta’u.

Kanaan alas angaa’oonni Hoong Koong kiraa maanaa fi galii gibiraa hir’isuuf murteessuu isaanii ibsaniiru.

Kennaa kanaanis mormii ji’ootaaf Hoong Koong keessa tureen wal qabatee dhiibbaa  diinagdee mudate hir’isuuf ta’uus ibsameera.

Bulchiinsi Hoong Koong mormii tibbana isaan mudatee fi vaayrasii koroonaan diinagdee miidhame dandamachiisuuf kan gargaaru proojeekti ijaareera.

Kennaan ammaa kunis qaama proojeektichaa ta’uusaa ibsameera.

Maddi:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.