Fana: At a Speed of Life!

Hoospitaalli ispeeshaalaayizdii Qidduus Peexroos tajaajila yaala idile addaan kutee ture eegaluufi

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC)- Hoospitaalli ispeeshaalaayizdii Qidduus Peexroos tajaajila yaala idilee fi covid-19 laachuuf qophii duraa xumuruun gara hojiitti galu beeksise.

Hoospitaalichi guutummaa guutuutti yaalamtoota covid-19f tajaajila laachaa kan  ture.

Hoospitaalichi ibsa Faanaa Broodkaasiting Koorporeetif ergeen, yeroo ammaa kana yaala covid-19 fi idilee walfaana laachuu eegaluufi.

Hoji gaggeessaan olaanaa hoospitaalichaa Dooktar Taammiruu Asaffaa, lakkoofsi dhukkabsatoonni covid-19 hanga eegamee ta’uu dhaabuu fi dhukkubsatoonni hedduun mana isaatti waan of kunuunsaanif akkasumas iddoo tursiisaa biraatti yaalamaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.