Fana: At a Speed of Life!

Hordoftoonni amantaa Ortodooksii mana isaanitii kadhannaa akka gaggeessan dhaamame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2012 (FBC) – Hordoftoonni amantaa Ortodooksii Ityoophiyaa mana isaanitii kadhannaa akka gaggeessan dhaamame.
 
Siinodoosiin dhaabbii Mana Amantaa Ortodooksii Ityoophiyaa tajaajila sirna qulqullummaa dabalatee, tajaajilli afuuraa booruu eegalee tajaajiltoota muraasan akka laatamu murteesse.
 
Siinodoosichi ibsa har’a laaten akka beeksisetti tajaajiltoota muraasan ala, tajaajiltoonni biroo fi hordoftoonni amantichaa mana akka turan murteessera.
 
Manni amantittii weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa Birrii miiliyoona 3 laattetti.
 
Hawaasni gorsa ogeeyyii fayyaa hojiirra akka oolchus siinodoosichi dhaamera.
 
Mattaagas Aayyallinyitu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.