Fana: At a Speed of Life!

Hospitaala waliigalaa Eekkaa Kotobeef deeggarsi meeshaalee Birrii miiliyoona 20tti tilmaamamani taasifameef

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC)- Manni Maree Chaayinaa Hospitaala waliigalaa Eekkaa Kotobeef deeggarsa meeshaalee yaala garagaraa Birrii miiliyoona 20tti tilmaamaman taasiseera.

Deeggarsichi ambuulaansii 1, meeshaalee hargansuu namtolchee 16, sireewwan namoota dhibeen itti cimee 4 fi meeshaalee yaala adda addaan kan haammatameedha.

Deeggarsa taasifamees Ministir deettaan Ministeera Fayyaa aadde Almatsaay Phaawuloosii fi hojii gaggeessaan hospitaalichaa Dooktar Yaareed Aggadaaw fudhaniiru.

Sirna wal harkaa fudhisichaarratti Ityoophiyaa Imbaasii Chaayinaatti Kaawinsilaar Liiyoo Yoo argamaniiru.

Deeggarsi meeshiilee kanneeni namoota vaayrasiin koroonaa itti cimee yaaluu fi vaayrasiicha ittisuuf oola jedhameera.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.