Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli dhukkubsattoota Covid -19 yaaluuf tajaajilu eebbifame

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti Hospitaalli dhukkubsattoota covid -19 yaaluuf tajaajilu ‘Finfinnee covid -19 fiild hospitaal’ jedhamu eebbifame.
 
Hospitaallichi bakka Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi daayreektarri olaanaan Sagantaa Nyaata Addunyaan Deeviid Biisliiy argamanitti eebbifameera.
 
Naannoo Boolee Bulbulaatti kan argamu Hospitaalichi, deeggarsa Sagantaa Nyaataa Addunyaarraa argameen kan ijaarrame ta’uu ibsamera.
 
Torbee sadi keessatti kan ijaarrame Hospitaalli kun guyyoota 10 booda tajaajila kan eegalu ta’uu himameera.
 
Hospitaalicha qindoomina Sagantaa Nyaata Addunyaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin sadarkaa idila addunyaa eegee kan ijaarrame ta’uu Dooktar Liyaan ibsaniiru.
 
Yaala ariifachiisaaf kan ijaarrame ta’us giddugala yeroo dheeraaf tajaajila laachuu danda’u akka ta’e himaniiru.
 
Daayreektarri olaanaan sagantaa nyaata addunyaa Deeviid Biisliiy gama isaaniin mootummaan Ityoophiyaa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
 
Keessattuu qindoomina Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi mootummaa Ityoophiyaa gidduu jiru dinqisiifataniiru.
 
Torbee sadi keessatti hospitaala akka kanaa ijaaruun waan ajaa’ibsiisadha jedhan.
 
Milkaa’ina kanaaf hoggansi Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin kennamaa jiru shoora olaanaa ba’uu ibsaniiru.
Maddi:- TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.