Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Galaanaa Birrii miiliyoona 65 oliin ijaarame eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Gujii Lixaatti Hospitaala Sadarkaa jalqabaa Galaanaa eebbisaniiru.

Sirna eebbaa hospitaalichaarratti, Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa Mootummaan Paartii Badhaadhinaa badhaadhina waloo milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjataa jiraachuu himaniiru.

Galma fooyya’iinsa fayyaa qabames kan itti fufsiisaman ta’uu eeran.

Kenna tajaajilaa fooyyessuuf bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, ogeessota guuttachuu fi jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojjetaamaa jiraachuu himaniiru.

Hospitaalichi Birrii miiliyoona 65 oliin kan ijaarame ta’uu Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa himaniiru.

Bulchaan Godina Gujii Lixaa, Obbo Adulaa Hirbaayyee Hospitaalli Galaanaa karoora fayyaa maatii mootummaan galmaan gahuuf hojjatu milkeessuun cinaatti, waliinga’iinsa fayyaa godinichaa kan dabalu tahuu eeruu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.