Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Riferaalaa Yuunvarsiitii Jigjigaa tajaajila wal’aansaa kennu guddisaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2014 (FBC) –Hospitaalli Riferaalaa Yuunvarsiitii Jigjigaa tajaajila wal’aansaa yaakennu guddisaa jiraachuu ibsameera.
Hospitaalichi dhukkubsattoota hedduuf yaala wal’aansaa garaagaraa kennaa jiraachuu ibsameera.
Tajaajila kennu yeroodhaa yerootti fooyyessaa dhufuun giddugala wal’aansa kalee dhiquu eegaluus eerameera.
Yeroo ammaa kana kutaalee wal’aansaa 30 keessatti dhukkubsattoota dhibee kalee naannichaatti argamanii fi naannolee biroorraa dhufaniif tajaajila wal’aansa kana kennaa jiraachuu ibsameera.
Giddugalichi namoota baasii guddaarraa fi qisaasama yeroorraa kan hambise ta’uus ibsameera.
Giddugalli wal’aansa kalee dhiquu kun tajaajila hospitaalichi kennu sadarkaa olaanaatti kan ol guddise ta’uu preezdaantiin Yuunvarsiitii Jigjigaa Sheek Hasan Yabaree ibsaniiru.
Fuuldurattis giddugala wal’aansa garaagaraa banuun yuunvarsiitichi tajaajila hawaasaaf kennu kan bal’isu ta’uu ibsuu isaanii ragaan miidiyaa naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.