Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli Waliigala Haramaayaa tajaajila bilisa Birrii miiliyoona walakkatti tilmaamamu laate

Finfinnee, Fulbaana 10, 2014 (FBC)- Hospitaalli Waliigala Haramaayaa tajaajila bilisa Birrii miiliyoona walakkatti tilmaamamu laateera.

Hospiitalichi dhukkabsattootaa bu’uu gadameessaan hubamaniif tajaajila wallaansaa bilisaan laateera.

Tajaajila bilisa kan laatee hospitaalichi dhaabbata tola oltoota Weengiis Off Hiils waliin ta’uu himameera.

Dhukkubbiin bu’uu gadameessaa keessaayyuu kutaa baadiyaa biyyattitti akka heddumaatuu ta’u kan himan  daayreektarri meedikaala hospitaalicha Dooktar Solomoon Haarihuun,kanafis dhukkubsattoota 150 godina Harargee bahaa aanoolee adda addaa keessaa walitti babba’aaniif laatamuu ibsaniiru.

Dhibichi meeshaalee jajjaboo kaasuu dabalatee nyaata madaawalaa nyaachuu dhabuun akka mudatuu kan himan qindeessituun sagantaa dhaabbatichaa Dooktar Feebaan Gabra Igzaabiyeer, tajaajila bilisaa laachuu dabalatee deeggarsoota Qamadii fi Ruuzii taasiseera.

Iyyoonaadaab Andu’aalemtu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.