Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalli yaala haadholii fi daa’immannii eebbifame

Finfinnee, Amajjii 9, 2012 (FBC) – Koolleejjiin Meedikaalaa Barkumee Hospitaala Qidduus Phaawuloos Hoospitaala yaala haadholii fi daa’immanii Birrii miiliyoon dhibba 4 fi miiliyoona 50 ijaarsisaa ture eebbisiise.

Guyyaa har’aa Ministir Deettaan Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddase fi daayreekterri Sagantaa Faawundeeshinii Idila Addunyaa Suuzaan Toomsan Buufeet Dooktar Sanaayit Fisahaa waliin ta’uun hospitaalichi eebbisuun hojii eegalsiisaniiru.

Hospitaalichi kutaa yaala ciisichaa 453 kan qabu yoo ta’u, yaala deddeebi’anii yaaluu, yaala baqaqsanii yaaluu daa’immanii, tajaajila da’umsaa fi dhukkubsatoota addaa haadholii fi daa’immaniif tajaajila ni laata jedhameera.

Tajaajila qulqullina qabuu fi si’ataa ta’e laachuu kan danda’u Teeknooloojiiwwan ammayyaa kan guuttate akka ta’es ibsameera.

Dabalataan dhagaan bu’uraa ijaarsa giddugala fayyaa walhormaataas kaa’amuu himameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.