Fana: At a Speed of Life!

Hospitaalota 12tti yaaliin kaansarii harmaa kennamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2013 (FBC) – Hospitaalota 12tti yaaliin kaansarii harmaa kennamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Baatii kaansarii harmaa sadarkaa idil addunyaatti kabajamu ilaalchisuun Ministeerri Fayyaa guyyaa har’aa ibsa laateera.

Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa kansariin harmaaItyoophiyaatti saffisaan dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Giddugalli yaalaa kaansarii harmaa jiraachuu dhabuun sirna fayaa irratti rakkina uumuu himaniiru.

Yaalii kaansarii harmaa waliin ga’uuf hospitaaloota naannoo 12 irratti tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.

Dhaabbilen 6 ijaarsi isaanii raawwachaa jiraachuu kaasuun baatii sadan dhufanitti gara hojiitti akka galan eeraniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.