Fana: At a Speed of Life!

Hubachiisa qajeelcha labsii yeroo ariifachiisaarra darbe

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) –Hidhattoota garee shororkeessaa ABUT naannoo Shawaa Kabaa, Walloo Kibbaa fi Kaabaa akkasumas godina Saba Oromootti argamaniif qajeelchi labsii yeroo ariifachiisaa hubachiisa laateera.

Raayyaan ittisa biyyaa fi qaamoleen nageenyaa biroon haleellaa olaanaa taasisaniin diinaarra kisaaraa guddaan qaqqabaa jira. Diinnis kan danda’ee saamuun, kan ammoo barbadeessuun baduufis yaala jira. humni garee shororkeessaa iddoowwan seeneetti osoo hin adabamiin ba’uu hin qabu. ni booji’amaa ykn ammoo tarkaanfiin irratti ni fudhatamaa jedha qaajelchichi.

Kanaafis miseensoonni garee ABUT iddoowwan weeraraniitti, raayyaan ittisa biyyaatin  barbada’aa jiraachuun miseensoonni garicha lubbuu keessaan olchuu harka kennaadhaa kan jedhu qajeelchichi  kana kan hin fudhanne yoo ta’ee ammoo adabbii isin irra ga’uuf itti gaafatamuumman kan keessani jedheera.

Miseensoota garicha harka laataan hawaasni kunuunsaan qabee humnoota nageenyaaf akka dabarsuu, qaamoleen nageenyaas miseensoota kanneen sirna seeraan akka qaban ajaja dabarseera.

Kutaa Hawaasa iddoowwan weeraramaniitti argamaniif, gurmooftanii qabeenya hatamee hambisuun, konkolaattoonni akka hin dabarreef daandiiwwan dhaagaa fi jirmaan cufuun garee shororkeessaa ABUT to’annaa jala oolchuun,diinni tokkoolleen miliquu hin qabuu  harka laachuu qaba ykn tarkaanfii irratti fudhatamuu qaba.

Akkasumas diinni meeshaa waraanaa qabatee miliquu hin qabus jedha qajeelchi laabsii yeroo muddamaarraa ba’e.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.