Fana: At a Speed of Life!

Humna Poolisii magaalaa Finfinnee madaalu qopheessuun barbaachisaadha – Aadde Adaanach

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2013 (FBC) – Humna Poolisii magaalaa Finfinnee madaalu qopheessuuf caalmaatti hojjechuun barbaachisaa ta’uu itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsan.
Humna Poolisii guddinaa fi bal’inaa Magaalaa Finfinnee madaaluu qopheessuun, gahoomsuun fi deeggarsa taasisuun caalmaatti hojjetamuu akka qabu Itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee ibsaniiru.
Aaddee Adaanach humna poolisii Magaalaa Finfinnee guddisuuf baajannii fi meeshaalee loojistiksii ramaduun hojjetamaa turuu eeraniiru.
Aanaalee buufataa poolosii hin qabne 60 keessatti buufataa Poolisii akka hundaa’u taasifamuus himaniiru.
Poolisii dandeettii fi ga’umsaan magaalicha madaalan leenjisuun gara hojitti akka galan taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Poolisoota hojiirratti argaman leenjii teeknoolojiin deeggarame laachuun dandeetti isaanii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Itti aantuu Kaantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni Qaamolee nageenyaa fi mootummaa olaanoon sirna agarsiisa uffataa dambii fi Aasxaa Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerratti argamaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.