Fana: At a Speed of Life!

Humni eeggataa Afrikaa Bahaa garee filannoo taajjabu gara Ityoophiyaatti ergu ibse

Fifinnee, Waxabajjii 11, 2013 (FBC)- Humni eeggataa Afrikaa Bahaa garee filannoo taajjabu gara Ityoophiyaatti ergu ibseera.

Gareen taajjabduu kun affeerraa Ityoophiyaan taasifteefin filanniicha taajjabuuf gara Ityoophiyaa ergu daayireektarri humnan eeggaticha Birgaader Jeneraal Geetaachoo Shifarraaw ibsaniiru.

Gareen taajjabdoota kunneen biyyoota garagaraarra waliitti babba’aanii fi miseensoota 28 qaba jedhameera.

Taajjabdoonni kunneen haala filannoo naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Affaar, Sidaamaa, Kibbaa, Dirree Dawaa fi Finfinneerra naanna’uun ni hordofaa jedhameera.

Gareen taajjabdoota kun bu’uura qajeeltoo diimokiraasii, filannoo fi bulchiinsa Gamtaa Afrikaan kan taajjabuu ta’uu ragaan humni eeggatichaa  baasee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.