Fana: At a Speed of Life!

Humni nagaa kabachiisa Abiyee ergamaasa ga’umsaan ba’aachaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 15, 2014 (FBC)- Humni Nagaa Kabachiisa Ityoophiyaa, Sudaan Abiyeetti argamu Ergama Nageenya eegsisuu itti kenname qophaa’ummaa loltummaa amansiisa ta’een itti fufsiisa jiraachuu Ajaja Olaanaa salgaaffaa hundaa galeessa lojiistikiifi qindeessaan tiimii biyyaalessaa leteenaal Kolooneel Kifiloom G/Maariyaam ibaniiru.

Kumaalaan hunda galeessa lojiistikiichaa, qophaa’ummaa gama hundaan qabu madaallii Idil-Addunyaan qulqullinaa fi gahumsaan oggeessota damichaan qoratamuun sadarkaa amasiisaa irra akka jiru mirkaama’uun himameera.

Hawaasni,Naannoo dirqama nuuf kennamee jiraatanis nageenyi isaanii eeggame akka jiraatan taasisneera, kan jedhan leteenaal Kolooneel Kifiloom,ergama nutti kenname injifannoon bahaachaa jirra jedhan,kanaaf ammoo kabajaatu nutti dhagahama jedhaniiru.

Kumaalaan hundaa galeessa lojiistikii Abiyee, Ergama nageenya eegsisuu idil-Addunyaa itti kennamee karaa amasiisafi qophaa’ummaa addaan bahaachaa jiras jedha odeeffannoon fuula Feesbuukii  Raayyaa Ittisaa irraa arganne.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.