Fana: At a Speed of Life!

Humni qilleensa Israa’eel bakka waraana Sooriyaa haleele

Finfinnee, Adooleessa 28, 2012 (FBC) – Humni qilleensa Israa’eel bakka waraana Sooriyaatti xiyyeeffachuun haleelera.

Humni rayyaa ittisa biyyaa Israa’eel haleellicha kan raawwatee haleella boombii raawwatamuuf ka’ee fashaleessuuf ta’uu beeksiseera.

Haleella qaqabeenis meeshaalerratti miidhaan qaqqabu himameera.

Humnichi durse Dilbata darbe Israa’eeliin kan to’atamu gaara Golaanirratti fanjii awwaluuf kan yaalan namoota 4 ajjeesu dubbateet ture.

Dubbii himaan humna waraanaa Israa’eel Leetanaal korooneel Joontaan Koonsikaas, namoonni dhunfaa kunneen miseensa garee tokkoti jedhamee dubbatamuuf yeroon isaa amma miti jedhaniiru.

Ta’us haleellichaaf mootummaan Israa’eelis  mootummaa Sooriyaa itti gaafatama jedhet ture.

Maddi:-BBC

 Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.