Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni shororkeessaa Shanee fi shiftootaa tarkaanfii fudhataniin lubbuu namaa fi qabeenyarratti miidhaa qaqqabsiisan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2014 (FBC) –Godina Wallagga Bahaa Aanaa Kiramuu magaalaa Harootti humni shororkeessaa Shaneefi shiftaa naannichatti socho’an Fulbaana 30/2014 namoota nagaarratti waraana banuun lubbuu namaafi qabeenyarratti miidhaa qaqqabsiisuu isaa Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.

Humni shoroorkeessaa shaneefi shiftaa naannichatti socha’u sabaafi sab-lammoota nagaan waliin jiraatu tutuquun walitti bu’iinsuuf yaalaa jira. Haaluma kanaan sabaafi sab-lammoota keessumaa ummata Oromoofi Amaaraa nagaafi jaalalaa waliin jraachaa tureefi har’as waliin jiraachaa jiru walitti buusuun nageenya naannichaa booressuuf hojjetaa jiraachuu Itti Aanaan Komishinarafi hoogganaa Damee Kominikeeshinii Komishinar Getaachew Ittaanaa ibsa miidiyaaleef kennaniin ibsaniiru.

Humni shororkeessaa shaneefi shiftaan naannichatti socho’aa jiru Magaalaa Haroorratti tarkaanfii fudhataniin lubbuun namoota 15 yoo darbu, qabeenyarrattis miidhaan qaqqabuusaa ibsaniiru.

Miidhaa kanaanis abbootiin warraa 967 qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqa’uu isaanii dubbataniiru. Lammiileen sababa kanaan buqqa’anis Magaalaa Kiiramuu kan qubatan yoo ta’u, deggersi barbaachisu taasifamaafii jira.

Yeroo ammaas mootummaan naannoo Oromiyaa atatamaan humna dabalataa garasitti bobbaasuun haalicha kan to’ate yoo ta’u, lammiilee qe’eefi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Humnoonni kunneen sabaafi sab-lammoota keessumaa ummata nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa tureefi jiraachaa jiru walitti buusuun naannichi akka hin tasgabboofne gochuuf itti yaadamee hojjetamaa jiraachuu kan dubbatan I/A komishinarichaa, kaayyoo isaanii milkeessufis ummata nagaa ajjeesuufi qabeenya isaanii barbadeessuuf kan kan socho’aa jiran ta’us mootummaan hirmaannaa ummataan tarkaanfii barbaachisu kan fudhatu ta’uus dubbataniiru.

Ummanni odeeffannoo dogongoraafi sobaa tamsa’aa jiru irraa of qusachuun tasgabba’ee qaamota nageenyaa wajjin ta’ee naannoo isaa eeggachuu akka qabu ibsuun, humnoota nageenya isaa booressuuf hojjetan kamirrattuu tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

Naannichatti yeroo ammaa tasgabbiin waaraa kan uumamaa jiru ta’uu dubbachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaarra Naannoo Oromiyaarra argame ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.