Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni waraanaa Sudaan guyyoota 7 dhukaasa dhaabuuf waliigalan

Finfinnee, Caamsaa 13, 2015 (FBC) – Humni Waaraanaa fi Humni Addaa Sudaan guyyoota 7f dhukaasa dhaabuuf waliigalaniiru.

Humnoonni Sudaan kunneen mariisisummaa Ameerikaa fi Saa’ud Arabiyaan garaagartee isaanirratti mari’achaa turaniiru.

Maricha ilaalchisee Waashingitanii fi Riyaad ibsa waloo baasaniin, humnoonni Sudaan kunneen guyyoota 7f dhukaasa dhaabuuf waliigalteera ga’aniiru.

Waliigaltichi Wiixata dhufuu eegalee hojiirra kan oolu ta’uu ibsameera.

Waliigalteen humnoonni kunneen kana dura taasisaa turan hojiitti hiikkamee hin beeku jedhame.

Kan ammaa kun garuu sirnaan hojiirra akka oolu qaamni adeemsicha to’atu kan gurmaa’u ta’uu ibsameera.

Waliigaltichi dhiyeessa deeggarsa namoomaa fi tajaajiloota bu’uraa hojii eegalchiisuuf kan gargaaru ta’uu Al jaziiraan gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.