Fana: At a Speed of Life!

Humnoota alaa uwwisa deeggarsa namoomaan dhimma Ityoophiyaa gidduu seenaan Chaayinaan ni mormiti – Preezdaant Shii Zhiinpiing

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Chaayinaan qajeelfamootaa fi haqa qabeessummaa idil addunyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa kan taphattu ta’uu Preezdaantiin Chaayinaa Shii Zhiinpiing ibsaniiru.

Beenjiing Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniittu guyyaa teessoo Seeraa Ummata Rippaablikii Chaayinaa itti deebite waggaa 50ffaa kabajdeerti.

Saganticharratti Preezdaantii Chaayinaa Shii Zhiinpiing dabalatee Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, Dippiloomaatoonnii fi bakka buutoonni Dhaabbileen Idil Addunyaa Chaayinaatti argaman hirmaataniiru.

Mootummaan Rippaablikaa Ummata Chaayinaa Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti bakka bu’aa seera qabeessa kan qabu ta’uu eeruun, kunis injiffannoo ummata Chaayinaa ta’uu ibsaniiru.

Misoomni Chaayinaa kallattii sirriirra turuu isaan biyya isaanii fi misooma dhala namaa keessatti boqonnaa guddaa barreessuu himan.

Ityoophiyaa fi Chaayinaan michuu ta’uu himuun, murtoo sagalee 2758 dhaabbata mootummoota biyyoota laatan keessaa Ityoophiyaan ishee tokko ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo idil addunyaarratti yaada tokko kan qooddatanii fi imaammata bilisa baasaa kan deeggaran ta’uu dubbachuun, giddugaltummaa biyya alaan kan morman ta’uu ibsaniiru.

Chaayinaan humnoota alaa uwwisa deeggarsa namoomaan dhimma Ityoophiyaa gidduu seenaan ni mormiti jedhan.

Dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessatti sagaleen Chaayinaa yeroo hunda biyyoota guddinarra jiraniif ta’uu Preezdaant Shii Zhiinpiing ibsuu isaanii ragaan Ityoophiyaatti Imbaasii Chaayinaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.