Fana: At a Speed of Life!

Ibsa Amineesti Internaashinaal baase irratti hojii qulqulleessu jalqabuu Abbaan Alangaa Waliigalaa Fedeeralaa Beeksise

 

Finfinnee, Caamsaa 25, 2012 (FBC) – Ibsa Amineesti Internaashinaal baase irratti hojii qulqulleessu jalqabuu Abbaan Alangaa Waliigalaa Fedeeralaa Beeksise.

 

Ibsa Amineesti Internaashinaal baase irratti hojii qulqulleessu jalqabuu Abbaan Alangaa Waliigalaa Fedeeralaa aadde Adaanech Abeebee beeksisan.

 

Hojii qulqulleessuu xumurree deebii kennuuf osoo adeemaa jirruu ibsichi midiyaalee garaagaraatiin tamsa’eera jedhan.

 

Gabaasichi qabiyyee isaatiin, adeemsa isaatiin, akkasumas dhimma haqummaa fi loogii irraa bilisa ta’uu isaa hojii qulqulleessuu keenyaa hatattamaan xumuruudhaaf hojjechuu himaniiru.

 

Hojii qulqulleessuu keenyaatiin firii argamuun; bakka gabaasichi sirri ta’etti tarkaanfii fudhatamuu qabu in fudhannas jedhaniiru.

 

Soba yoo ta’e yookiin immo yoo arbabbeeffameera ta’e immoo Aministi Internaashinaal waliin ni mari’achuudhaan akka sirratuuf in tattaafanna.

 

Kunis yoo ta’uu baate dhugaa isaa akka baraniif ragaadhaan tumsinee ummata keenyaa fi addunyaatti agarsiifna!

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.