Fana: At a Speed of Life!

Ibsa Gaddaa

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC)-Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan lammiilee Itoophiyaa dhibee koroonaan lubbuun isaanii darbeef gadda itti dhaga’ame ibsan.

Hanga har’aatti qorannoo taasifameen namoota 43
dhibichaan qabaman keessaa lammiileen Ityoophiyaa lama lubbuun darbuu isaaniif mootummaa naannoo Oromiyaatti gaddi guddaan itti dhaga’amuu isaa ibsaniiru.

Preezdaant Shimallis Maatii, firoottaanii fi ummata Ityoophiyaa maraaf jajjabina hawwaniiru.

Qajeelfama fi murtee tatamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf ba’e, akkasumas gorsa ogeeyyii fayyaa hunda hojiirra oolchuudhaan tatamsa’ina vaayrasicha to’achuuf hawaasni hundi ga’ee isaa ba’uu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.