Fana: At a Speed of Life!

Ibsa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI irraa kenname

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI heera mootummaa Riippabiliikaa Demokiraatawaa Federaalawaa Ityoophiyaa keeyyata 87 kan daangeeffame labsii Raayyaa Ittisa Biyyaa lakkoofsa 1100/2011 bu’uuruma dirqamni laatameefiin ergama isaa raawwachuu kan dandeessiisu danbiiwwanii fi qajeelfamoota baasuun biyya keenyaarratti kan yaadame miidhaa alaa fi keessaa ittisuun walabummaa biyyaa keenyaa kabachiiseera.

Nageenya ummataas eeguu irratti argama.

Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI nagenyii obboloota keenyaa Afrikaanootaa nageenya keenya jechuun ergama nagaa eegsisuu irratti bobba’uun har’as dirqama isaa haala nama gammachiisuun ba’achaa jira.

Hundaa ol diina olaanaa ummata addunyaa fi naannoo keenyaa akkasumaas biyya keenyaa kan ta’e shororkeesumma waraanuu ollaa biyya keenyaa Soomaaliyaa kan dhokate garee shoroorkeessaa Alshebaab ittisuun nageenyi naannoo keenyaa tasgabbii akka qabatuuf aarsaa kaffalaa jira.

Biyya keenyaa bakkeewwan tokko tokkootti kan ka’u tasgabbiin dhabamuun qaamolee nageenyaa, bulchitoota naannoolee, abbootii amantaa, jarsolii biyyaa fi ummata waliin ta’uun rakkinoota furuun nageeni waaraan akka dhufuuf hojjeteera. Wayita ammaas hojjechaa jira.

Kabajamtoota ummata Ityoophiyaa

Raayyaa Ittisa Biyyaa bobboo waraanaa fi raawwii dirqamaa irratti qofaa otuu hin daanga’iin rakkoon ummataa rakkoo kiyya jechuun wantoota nageenya ummataa fi duubbatti hafummaa fidan baasuuf gara boodaatti hin jedhu.

Miidhaa balaa lolaa ummatarraan ga’ee hir’isuu, sirna dhiiga arjoomuu irratti hirmaachuu, ooyruu qonnaan bultootaa irratti argamuun gargaaruu, kunuunsa qabeenya uumama irratti hirmaannaa cimaa taasisuu, weerara vaayrasii koroonaa ittisuu, miindaa isanirra hir’isuun namoota rakkataaniif deeggarsa taasisuu, projaktiin’ Maaddii Biyyaaf’ akka milkaa’uuf miindaa isaarra arjoomuun deeggaruu, akkasumaas weerara awwaanisaa ummata waliin ta’uun ittisuurratti argama.

Kabajamtoota ummata Ityoophiyaa

Tibbana miidiyaaleen Tigraay ibsa ejjennoo idilee jechuun qaamni ibsicha baase dhimmoota raayyaa ittisaa ilaalchisu erga itti maakee boodee ibsa ejjennoo abba qabxii 7 baasee tamsaaseera.

Ibsa kanaan lakkoofsa 1 irratti heera mootummaa keeyyata 87/5 bu’uuruma daangesseen Raayyaa Ittisa Biyyaa siyaasa kamuu akka hin deeggare ta’uu kan kaa’u si’a ta’u bu’uura taa’e cabsuun furmaata paartileen siyaasaa Ityoophiyaa marii’achuun kennaniin ala ijaarsa Raayyaa Ittisa biyyaa, ajajuu fi bobbaasuu hin danda’u jechuun ibsa baaseera.

Lakkoofsa 5ffaa irratti ammoo raayyaan ittisa biyyaa walabummaa biyyaa fi nageenyi ummataa balaa irraatti kufee callisee akka darbuu fi faayidaa humnoota siyaasaa seeraan alaa humna eegsisu ta’uu eeruun ergaa ibsarratti makeera.
Dhugummaan isaa Raayyaan Ittisa Biyyaa jireenya ummataa baraaruuf haala rakkisaa keessatti bobba’uun tarkaanfii barbaachiisaa fi seeraa fudhachu irratti argama. Ibsichaan walqabatee namoonni fi miidiyaan tokko tokkoo haasa’an fudhatama hin qabu.

Ibsi kun ergama Raayyaa Ittisa Biyyaa kan hin madaallee, ergama isaa akka hin raawwanneef kan gufachiisu fi hojiiwwan naannoo qixaan akka hin ba’aneef kan danqu ibsa itti gaafatamummaan itti hir’atudha.

Ummanni Ityoophiyaa wanti beekuu qabu Raayyaan Ittisa Biyyaa dhimmoota humna siyaasaa fi garee kan raawwatu otuu hin taane walabummaa sabaa fi sablammoota Ityoophiyaa kabachiisuuf kan dhaabateedha.

Qaamni ibsicha baase dogoggora isaa ifatti akka sirreessuu cimsinee gaafanna.

Qamni kamuu ibsa ergama Raayyaa Ittisa Biyyaa kan danqu baasuurraa akka of qusatu ni hubachiifna.

Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI

Onkololeessa 20, 2013

Finfinnee

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.