Fana: At a Speed of Life!

Iddoowwan adda addaatti hiriirri deeggarsa paartiilee siyaasaa gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC)- Kutaa biyyatti garagaraatti hiriirri deeggarsa paartiilee siyaasaa gaggeeffameera.

Hiriirri deeggarsa paartii badhaadhinaa naannoo Oromiyaa iddoowwan garagaraa, magaalaa Gondar, magaalaaa Kombolchaa, godina Guraagee, magaalaa Dirree Dawaatti akkasumas magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Nifaas Silki laaftootti gaggeeffameera.

Hiriiraa magaalaa Gondaaritti gaggeeffameerratti preezdantii mootummaa naannichaa obbo Agaanyaaw Tashaagaar dabalatee kadhiimamtoonnii paartii badhaadhina magaalichaa fi miseensoonni paartichaa argamaniiru.

Kan magaalaa Dirree Dawaarrattis itti anaa kantiibaa magaalichaa obbo Ahimad Mahaammadii fi itti gaafataamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Dirree Dawaa obbo Mabraatee G/Yaas dabalatee miseensoonnii fi deeggartoonni paartichaa aragamaniiru.

Hiriira kutaa magaalaa Nifaas Silki Laaftootti gaggeeffameen itti aantuu kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee miseensoonni paartichaa argmaniiru.

Paartiin Izeemaas magaalaa Dabira Birhaanii fi naannawaasheetti duula na filadhaa gaggeessera.

Paartiin sochii biyyoolessaa Amaaraa ( Abin)  duula na filadhaa gaggeesseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.