Fana: At a Speed of Life!

“Ifni kan argamu Ampoolidhani” – Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC) –Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad sirna ijaarsa daandii eegalchiisu Ceedaa- Jimmaa irratti “Ifni kan argamu Ampoolidhani” jechuun ibsaniiru.
Jimmaa fi naannoon ishee Ityoophiyaa irraa bakkeewwaan seenaan tokkooffa ta’ullee waggoota 30 darbanitti, mootummaan xiyyeeffanno otuu itti hin laatiin tureera.
Haata’uuti, wayita ammaa garuu Jimmaa fi naannoo isheef aduun baheera jedhan.
Daandii aspaaltii Ceedaa-Jimmaa ammoo ummata Jimmaa fi naannoo ishee gara ifaatti kan simatu ta’uu himaniiru.
Haata’uuti Ifni ampoolii malee gatii waan hin qabneef, ampoolii qabachuun badhaadhina waloo ilaaluun barbaachisaadha jedhaniiru.
Dooktar Abiy hariiroon obbolummaa Jimmaa Abbaa Jifaarii fi namoota gurguddoo Koontaa giddu ture cimaa akka ture kaasuun, daandii aspaaltii Ceedaa-Jimmaa hariiroo obbolummaa duraan ture caalumatti kan cimsudha jedhaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.